Finfinnee, Caamsaa 25, 2015 (FBC)– Hanqina dhiigaa mudatu hiikuuf lakkoofsa namoota fedhiin dhiiga arjoomanii dabaluuf hojjetamuu akka qabu Baankiin Dhiigaa Ityoophiyaa ibseera.
Namoonni sababoota adda addaan dhiiga barbaadan dabalaa dhufuu hordofee lakkoofsa namoota dhiiga arjoomanii dabaluun murteessaa ta’uu Itti aanaan Daayrektara olaanaa Baankii Dhiigaa Ityoophiyaa Obbo Haabtaamuu Taayyeen ibsaniiru.
Namni dhiiga arjoomuu danda’u hundi dhiiga arjoomuun lubbuu akka baraaraan waamicha dhiyeessaniiru.
Lakkoofsa arjoomtootaa dabaluuf hojiin hubannoo uumuu xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Haabtaamuun Kaasaniiru.
Fooramiin yaada “Dhiiga arjooma, jireenya qooddadhaa, yeroo hunda qooddadhaa” jedhuun qophaa’erratti namoonni fedhii isaaniitiin dhiiga arjooman, sababa dhiiga arjoomeen lubbuun hafanii fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hirmaataniiru.
Saaraa Makonniintu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.