Lakkoofsa gabatee konkolaataa bade jijjiirsisuuf rakkachaa jiraachuu Abbootiin konkolaataa ibsan

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC ) –  haalaan keessummeeffamuu dhabuurraan kan ka’e lakkoofsa gabatee konkolaataa bade jijjiirsisuuf rakkachaa jiraachuu abbootiin konkolaataa ibsan.

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet bakkeewwan kenniinsa tajaajilaatti argamuun fayyadamtootarraa yaada fuudheera.

Tajaajilli kanaan dura guyyaa tokko keessatti xumuramu yeroo ammaa guyyota 5 hanga 10 kan gaafatuu ta’uusaatiin baasii dabalataaf saaxilamuu eeraniiru.

Hojiin Lakkoofsa gabatee konkolaataa bade jijjiiruu kanaan dura Abbaa Taayitaa Geejjibaa Federaalaan hojjetamaa kan ture yoo ta’u yeroo ammaa Tajaajila Geejjibaa fi Loojistikii Geejjiba Paabilik Sarvisiitiin kennamaa jira.

Daayrektarri sabquunnamtii Geejjiba Paabilik Sarvisii obbo Salamoon Anbaachoo turtii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet waliin taasisaniin wayita wal harkaa fuudhiinsi hojii taasifame guyyoota muraasaaf tajaajila hawaasaan ga’uun akka hin danda’amnee fi yeroo ammaa humna guutuun yeroo boqonnaa dabalatee hojiileen hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Kanaan dura konkolaataawwan haaraaf dabalatee guyyaatti lakkoofsi gabatee konkolaattota 300 kennamaa turuu fi yeroo ammaa konkolaatawwan haaraa dabalatee konkolaatawwan kuma 3 oliif lakkoofsi gabatee kennamaa jiraachuu ibsaniiru.

Fuulduratti hojiimaata ammayyaa’aa ta’een komii uummataa hiikuuf akka hojjetan himaniiru.

Siisaay Geetinnattu gabaase.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment