Lagni Baaroo guutuun lammiileen buqqaa’an akka deeggaraman waamichi dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 6, 2016 (FBC)- Magaalaa Gaambeellaatti Lagni Baaroo guutuun gandoota magaalichaatti miidhaa qaqqabsiiseen, jiraattoota qe’eesaaniirraa yoo buqqisu qabeenyaarraan mancaatii qaqqabsiise.

Haala duraaniirraan addatti miidhaa olaanaa kan geessisee fi guutiinsi lagichaa halkan mudachuurraan qabeenyi mancaatiirraa baraarame akka hinjirre miidiyaan naannichaa jiraattoota dubbisuun gabaseera.

Hangi bishaanichaa dabalaa jiraachuun kan eerame yoo ta’u, miidhaa dabalataa utuu hinhordofsiisin furmaanni akka kennamu jiraattonni gaafataniiru.

Bakka Bu’aan Kantiibaa Magaalichaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Fayyaa magaalichaa Saayimati Tiyaachi miidhaan qaqqabe olaanaa ta’uu eeruun, jiraattoota balichaaf saaxilaman hojiin adda baasuu gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Kanneen miidhaan irra ga’e bakka tokko qubsiisuun deeggarsa taasisuuf hojjetamaa akka jiru himaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Ittisaa Balaa fi Qophaa’ummaa Magaalichaa Kilaanyi Tuuti gama isaaniin, deeggarsa mootummaan taasisuutti dabalataan dhaabbileen miti mootummaa deeggarsa gama isaanii akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment