Lagni Awaash guutuun Abbootii Warraa 657 irraan miidhaa qaqqabsiise

Finfinnee, Hagayya 8, 2015 (FBC)- Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejereetti Lagni Awaash dambali’ee Abbootii Warraa 657 qe’ee irraa buqqisuu Waajjirri Buusaa Gonofaa Godina Shawaa Lixaa beeksise.

Balaa Lolaa qaqqabeen qabeenya qonnaan bultootaarraa miidhaan qaqqabuun kan eerame yoo ta’u, hawaasnii sababa balaa kanaan buqqa’es deeggarsaa akka barbaachisuun ibsameera.

Midhaan lafa heektaara 500 olirratti misoome kan mancaase balaal lolicha, egeree jireenya qonnaa bultootaaf yaaddoo uumuu Bulchaan Aanaa Ejeree Obbo Addunyaa Birruu dubbataniiru.

Biiroon Buusaa Gonofaa Oromiyaa rakkochaaf deebii hattatamaa kennuuf harkifateera kan jedhan Itti Gaafatamtuun Waajjira Buusaa Gonofaa Godina Shawaa Lixaa Aadde Tsahaay Hayiluu, deeggarsi nyaata namaa fi beelladaa, meeshaaleen qulqullinaa, uffannaan halkanii akka barbaachisu ibsaniiru.

Hawaasni tumsa akka taasisu, qaamni dhimmi ilaallatus furmaata akka kennaan gaafachuu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment