Lagaxaafoo Laga Daadhiitti hiriirri deeggarsaa gaggeeffame

Finfinnee Gurraandhala 11, 2012 (FBC) – Lagaxaafoo Laga Daadhiitti hiriirri deeggarsaa gaggeeffame.

Jijjiirramaa fi muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad deeggaruudhan hiriirri deeggarsaa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti gaggeeffame.

Hiriiricharratti jiraattonni magaalichaa hedduun hirmaataniiru.

Hiriirichaan dhaadannoowwan “Ida’amuudhan imala badhaadhinaa ni milkeessina, biyyi hojii fi yaadan ijaarrama, Badhaadhina waliin egereen keenya milkiidha” jedhan dabarfamaniiru.

Kanaan duras hiriirri deeggarsaa walfakkaataan magaalota addaddaatti gaggeeffamuun ni yaadatama.

Adaamaa, Jimmaa, Harargee Lixaa fi Somaaleetti hiriirri deeggarsaa ba’amuun ni yaadatama.

Comments (0)
Add Comment