Laga Xaafoo Laga Daadhiitti proojaktoonni adda addaa eebbifamaa jiru

Finfinnee, Onkololeessaa 14, 2013 (FBC)- Bulchiinsa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhiitti proojaktoonni adda addaa eebbfaimaa jiru.

Eebba proojaktoota kanneenirratti preezdaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi hooggantoonni olaanoon argamaniiru.

Proojektonni har’a eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’an keessaa gamoo Giddugala Qonnaan Bultoota abbaa urjii 5, Gamoo Waajjira Bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii keessatti argamu.

Gamoo Giddugala Qonnaan Bultoota abbaa urjii 5 har’a eebbifamee kun baasii Birrii miiliyoona dhibba 300 kan ijaarameedha.

Gamoon Waajjira Bulchiinsa magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii baasii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 56 ijaaramuun tajaajilaf banaa ta’aniiru.

Jamiilaa Jamaaltu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment