Laga Hasaasaa Birrii miiliyoona 100’n misoomsuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Sadaasa 15, 2016 (FBC)-Pirojektii misooma qarqara Laga Hasaasaa Birrii miiliyoona 100’n misoomsuuf hojjetamaa jiraachuun eerame.

Bulchaan Aanaa Gadab Hasaasaa Obbo Taarikuu Lammaa, pirojektichi carraa hojii dargaggootaa uumuu, galii magaalattii dabaluu fi iddoo bashannanaa akkasumas, magaalattii hawwattuu ni taasisa jedhan.

Waggoottan shanan dhufanitti gara paarkiitti jijjiiruuf dizaayiniin qophaa’ee hojitti galamuu himaniiru.

Lagni Hasaasaa horsiisa qurxummii, bishaan dhugaatii qulqulluu aanaalee lamaa fi misooma jallisiif tajaajilaa jiraachuun ibsameera.

Pirojektiin kun bajata mootummaa fi hirmaannaa ummataan kan hojjatamu ta’uus eeraniiru.

Jibriil Huseentu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment