Laga Abbayyaa fi haala Hidha Haaromsaa

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2014 (FBC) – Seen duubee laga Abbayyaa fi haala Hidha Haaromsaa.

Laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf bara Faranjootaa 1922 qorannoon jalqabaa gaggeeffameera.

Yeroo sanatti mootummaan Biriitaaniyaa ka’umsa Laga Abbayyaa beekuu fi lagicharratti hidha ijaaruuf karoorfatee jila qorannoo gaggeessu gara magaalaa Daangilaatti ergee ture.

Bara Faranjootaa 1927 jilli qorataa lafaa lammii Ingiliz Roobart Ernast Chiiziin durfamu qorannoo gaggeesseera.

Bara 1958 Ityoophiyaan laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf yaalii taasiftee turte.

Qorannoo bara 1927 gaggeeffame keessaa tokkoon sochiin ijaarsa hidhaa eegalamee ture.

Yaaliin mootiin Hayilesillaaseen mootummaa Ameerikaa waliin ta’uun laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf karoorfatanii turan mootummaa Biriitaaniyzan gufate.

Bara 2003 Ityoophiyaan laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf murannoo qabdu gochaan agarsiifte.

Bitootessa 24, 2003 ijaarsa hidha haaromsaaf dhagaan bu’uuraa kaa’ame.

Caamsaa 2005 ijaarsa hidhichaaf kallattiin laga abbayyaa yeroo jalqabaaf jijjiirrame.

Bara 2007 mariin sadeef Ityoophiyaa, Sudaanii fi Ijipti gudduutti walii galteen mallattaa’e.

Baatii Adoolessaa Bara 2012 guutinsi bishaanii marsaan jalqabaa meetir kiyuubiin biiliyoonni 4.5 milkiin xumurame.

Baatii Hagayyaa 2013 guutinsi bishaanii meetir kiyuubiin biiliyoonni 13 milkiin raawwatameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment