Finfinnee, Mudde 22, 2017 (FMC)- Lafti qabeenya olaanaa waan ta’eef sirnaan kunuunfamuu akka qabu Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsan.
Koonfiransiin Lafaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar mata duree “Bulchiinsa Lafaa Ammayyaawaa fi Itti fufiinsa Qabu Badhaadhina hundagaleessaaf” jedhuun gaggeeffameera.
Dooktar Tashoomaan waltajjicharratti, hundeeffama Magaalaa Shaggariin booda qabeenya lafaa Magaalattii beekuun sirnaan hogganuun bu’a qabeessummaa lafaa mirkaneessuuf hojilee bal’aan hojjetamu himan.
Magaalattiitti bara 2015 bal’inaan lafa heektaara kuma 100 fi kuma 47 fi 474 ol adda baasuun galmeessuun akka danda’ame dubbataniiru.
Hojii Kadaastaraa ammayyeessuun qisaasamaa fi alseerummaa lafaa hambisuun haalaa ammayyaa’een lafa hogganuuf hundeeffama magaalichaan booda xiyyeeffannoon kennameen jijjiiramni olaanaan galmaa’aa jiraachuus kaasaniiru.
Koonfiransii lafaa gaggeeffame kanarrattis qorannoowwan sirna bulchiinsa lafaa fi muxxannoowwan magaalota Idila Addunyaa garaagaraa irratti fuulleeffatan hayyootaan dhihaachuun marii bal’aan gaggeeffamuun ibsameera.
Dassaalany Abarraatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia