Lafti akkaataa qaama aangoo qabuun hinkennamne kamuu seeraan ala – Biiroo Lafaa Oromiyaa

Finfinnee, Guraandhala 20, 2015 (FBC) – Lafti akkaataa qaama aangoo qabuun hinkennamne kamuu seeraan ala ta’uu Biiroon Lafaa Oromiyaa beeksiseera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa lafti jiru sirnaan hogganamee akka hoji­irra ooluuf haala addaan hojjetaa jiraachuu Itti aantuu Hoggantuun Biiroo Lafaa Oromiyaa Aadde Zaaraa Kadir ibsaniiru.

Akka Oromiyaattis karoorri itti fayyadama lafaa qoratamee barana hojiirra ooluu ibsaniiru.

Alseerummaan lafaa magaalota Finfinnee marsanii jiraniifi magaalota guguddoo akka naannootti jiran keessatti baayyinaan kan mul’atu ta’uu kaasaniiru.

Alseerummaa kana ittisuuf kutaalee magaalaa Shaggar jala jiran hundarratti tarkaanfiin fudhatamuu fi lafti baay’eenis gara Baankii lafaatti deebi’uu himaniiru.

Ijaarsi qaama aangoo qabuun hin laatamne, waraqaa ragaa abbaa qabeenyummaa ykn kaartaa hinqabne kamiiyyuu ijaarsa seeraan alaa ta’uu Aadde Zaaraan ibsaniiru.

Ijaarsi Danbii liiziin duraa jechuun Amajjii 24 bara 2005 dura jiru pilaanii magaalaatiin walsima yoo ta’e seera qabeessa ta’ee kaartaan kan kennamuuf ta’a jedhan.

Inni Amajjii bara 2005 as jiru garuu eeyyamas ta’e osoo lafa bakka bu’iinsaa kennuun hinbarbaachisiin ijaarsi irra jiru diigamee baankii lafaatti gala jechuun ibsaniiru.

Lafti abbaa hin qabne gara mootummaatti kan darbu ta’uu fi kan abbaa qabummoo seeraan galmaa’uu akka qabu kaasaniiru.

Maddi:-DhPI

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment