Lafti hektaarri miiliyoona 1.6 qamadii bonaan uwwifameera-MQ

Finfinne, Mudde 8, 2016 (FBC)- Sadarkaa biyyaalessaatti lafti hektaarri miiliyoona 1.6 qamadii jallisii Bonaan uwwifamuu Ministeerri Qonna beeksise.

Hoji Raawwachiisaan Quunnamtii Ummataa fi Kominikeeshinii Ministeerichaa Kabbadaa Laaqewu ibsa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif kennaniin, jallisii bonaa baranaan lafti hektaarri miiliyoona 3 sanyiin uwwisuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Kana keessaas hanga ammatti lafti hektaarri miiliyoona 1.6 sanyiin uwwifamuu himaniiru.

Qamadii bona oomishamu kanarraas oomisha kuntaala miiiyoona 117 ni argaman kan eegamu ta’uu kaasaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment