Lafa sirnaa fi teeknoolojiin hogganuun itti fayyadama isaa hojirra oolchuun ga’ee nama hundaati jedhame

Finfinnee, Fulbaana 7, 2015 (FBC) – Lafa sirnaa fi teeknooloojiin hogganuun itti fayyadama isaa hojirra oolchuun ga’ee nama hundaa ta’uu Biiroon Lafaa Oromiyaa beeksiise.

Biiroo lafaa Oromiyaa jalqabbii hojiirra oolmaa itti fayyadama lafaa irratti qooda fudhattoota waliin magaalaa shaashamanneetti marii taasisaa jira.

‘karoorri itti fayyadama lafaa hirmaannaa hawaasaatiin galma ni ga’a’ mata duree jedhuun mariin gaggeeffamaa jira.

Qabeenya guddaa biyyattiin qabdu kan ta’e lafa sirnaa fi teeknooloojiin hogganuun itti fayyadama isaa hojirra oolchuun ga’ee nama hundaa ta’uu Hogganaan Biiroo Lafaa Oromiyaa Obbo Guutaa Laachoreen ibsaniiru.

Lafti wabii qonnaan bulaafi horsiisee bulaa ta’uu irra darbee kan dhaloota ammaa fi egereeti jedhan.

Karoorri itti fayyadama lafaa haaraa qophaa’e rakkoolee armaan dura turan furuufi jedhaniiru.

Lafa sirnaan itti fayyadamnaan dhalli namaa fi Bineensoonni jireenya fooyya’aa akka jiraatan kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.

Maricharratti hoggantoonni biirolee, godinaalee,maagalota fi qooda fudhattoonni argamaniiru.

Getchaachoo Muul’ataatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment