Finfinnee, Waxabajjii 9, 2015 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Shaggar weerara lafa seeraan alaa ittisuuf hojiilee bal’aa hojjechaa jiraachuu beeksise.
Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Magaalichaa Obbo Nasiir Huseen ibsa miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, Bulchiinsi magaalichaa lafaa seeraan alaa qabaman irratti tarkaanfii fudhachaa jira.
Haaluma kanaan, hanga ammaatti lafa seera qabeessa hintaane kaaree meetira kuma 165 ol irraatti tarkaanfiin fudhatamuu ibsanii, seeraa qabeessa kan ta’e kaaree meetira kuma 262 ol adda baasuun mirkaneessaa jiraachuu himaniiru.
Lafti seeraan ala qabamee ture hektaarri kumni 4 ol baankii lafaatti deebi’uu dubbataniiru.
Gama biraattiin bulchiinsi magaalichaa qonnaan bultootaa fi hawaasa magaalichaa fayyadamtootaa taasisuuf hojjiilee hojjetamaa jiraniin dargaggoota kuma 62 oliif carraan hojii uumamuu Obbo Naasir dubbataniiru.
Ga’umsa qonnaan bultootaa dabaluuf qonnaan bultoota kuma 78 oliif leenjiiwwan garaagaraa kennamuu kaasanii qonnaan bultoonni hedduunis gara invastimantiitti ceesisuun akka danda’ame eeraniiru.
Nageenyaa magaalichaa cimsuuf gaachaana sirnaa leenjisuun nageenya mirkaneessuuf hojiileen hojjetamaniin bu’aa gaariin galmaa’uu kaasanii kunis cimee akka itti fufu ibsaniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaanis biqiltuuwwan miiliyoona 9 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru Obbo Naasir ibsaniiru.
Akkasumas, Magaalaa Shaggar bara 2030’tti Gaanfa Afrikaatti magaalaa badhaatuu roga maraa taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Lalisee Tasfaayeetu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.