Finfinnee, Sadaasa 26, 2015 (FBC) – Lafa oomishaan uwwifame keessaa hanga ammaatti % 42 walitti qabamuu Ministeerri Qonnaa beeksiseera.
Qonna Gannaa bara 2014/15 lafa hektaara miiliyoona 13.4 sanyiin uwwifame keessaa % 42 yookaa lafa hektaara miiliyoona 5.8 irraa oomishni walitti qabamuu Ministeerri Qonnaa ibseera.
Lafa misoome keessaa hektaarri miiliyoonni 6 ol Kilaasteraan kan misoome yoo ta’uu, waliigala bara oomishaa kana callaa kuntaalli miiliyoonni dhibbi 4 ni eegama jedhame.
Bara oomishaa kanatti haalli qilleensaa mijataa fi qophiin ga’aan taasiifamuu isaan oomishni hanga karoorfamee ol ni argamaan eegama jedhame.
Maddi:-TOI
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.