Lafa maqaa Invastimantiin fudhatamanii osoo hin misoomin turanirratti Baatii Fulbaanaa 2016 eegalee tarkaanfiin ni fudhatama – B/M/Shaggar

Finfinnee, Hagayya 30, 2015 (FBC) – Lafa maqaa Invastimantiin fudhatamanii osoo hin misoomin turanirratti Baatii Fulbaanaa 2016 eegalee tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu Bulchiinsi Magaalaa Shaggar beeksiise.

Manni Maree Magaalaa Shaggar Yaa’ii ariifachiisaa har’a gaggeesseen dhimmoota garaagaraatti mari’ateera.

Lafa maqaa Invastimentiin fudhatamanii yeroo dheeraaf osoo hin misoomiin jiran hojiin adda baasuu hojjetamuu Itti Aanaan Kantibaa Magaalaa Shaggar Obbo Guyyoo Galgaloon ibsaniiru.

Baatii Fulbaanaa 2016 eegalee tarkaanfiin fudhatamuu kan eegalu ta’uu kaasaniiru.

Bara baajataa kana Daandiiwwan kutaalee magaalicha walqunnamsiisanirratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan yaa’ichaaf ibsaniiru.

Bahayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment