Lafa hektaara miiliyoona 1.7 irraa oomishni walitti qabamuu ministeerichi beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 22, 2017 (FBC)- Lafa hektaara miiliyoona 1.7 irraa oomishni ga’e walitti qabamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Girmaa Amanteen raawwii baatiiwwan sadan darbanii ilaalchisuun ibsa kennaniin, lafa hektaara miiliyoona 20.4 sanyiin uwwifame keessaa lafa hektaara miiliyoona 1.7 irraa omishni ga’e walitti qabamuu himan.

Naannawaa tokko tokkoottis roobni yeroo malee roobaa waan jiruuf qonnaan bultoonni duulaan midhaan ga’e akka walitti qaban hubachiisaniiru.

Yeroo ammaa hojiin misooma jallisii qamadii eegalamuu himanii, barana lafa hektaara miiliyoona 4.2 irraa qamadii misoomsuuf karoorfamuu himan.

Haaluma kanaan hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 8.5 qophaa’uun lafa hektaara kuma 505 sanyiin uwwifamuu dubbataniiru.

Dabalataan bara oomishaa 2017/18’f xaa’oo biyyee kuntaala miiliyoona 24 bituuf karoorfamuu ibsaniiru.

Adeemsi bittaa xaa’oo Adoolessa 2016 akka eegalame yaadachiisanii, Onkololeessa 30, 2017 dura dooniin jalqabaa Buufata Jibuutii akka qaqqabdu eeraniiru.

Dabalataan sanyii filatamaa garaagaraa kuntaalaa miiliyoona 2 qonnaan bultootaaf dhiyeessuuf karoorfameera jedhan.

Bara oomishaa 2016/17’tti lafti hektaarri miiliyoona 30 midhaan, hortiikaalcharii fi jirbiin uwwisuun oomishni kuntaalaa biiliyoona 1.4 ni argamaan kan eegamu ta’uu akeekaniiru.

Masaafinti Iyyaayyuu fi Taarikuu Waldasanbatitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment