Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Oromiyaatti lafa hektaara kuma 30 biqiltuu shaayiiin uwwisuuf hojjetamaa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.
Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti akkaataa Labsii Misoomaa Shaayee Allee bara 2013 labsameen lafa hektaara kuma 30 biqiltuu shaayiin uwwisuuf ciminaan hojjetamaa jira.
Qonnaan bultoonni fi ogeeyyiin misoomaas qonna kilaastaraan karooricha galmaan ga’uuf tattaaffii olaanaa tasisaa jiraachuu himaniiru.
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.