Labsiin yeroo ariifachiisaa galma barbaaddameef ooluu qaba – Paartiilee siyyaasaa

Finfinnnee 1, 2012(FBC) – Labsiin yeroo ariifachiisaa Ityoophiyaan ifoomsite galma barbaaddameef akka ga’u qaamni hundi ga’ee isaa ba’uu qaba jedhan hoggantoonni Paartiilee siyyaasaa.
 
Haala labsii yeroo ariifachiisaa mootummaan Ityoophiyaa labse ilaalchisee hoggantoonni paartiilee siyyaasaa Faanaa Broodkaastiing Korpooretii waliin turtii taasisaniiru.
 
Labsii kana galmaan ga’uuf qindoominni kan barbaachisu ta’uu hoggantoonni Paartiilee Siyyaasaa ibsaniiru.
 
Dura taa’aan Paartii Demookraatawa Hawasummaa Proofeesar Bayyanaa Pheexiroosii fi dura taa’aan Paartii Demookraatawaa Tigraa Dooktar Aragaawii Barihee, daganna weerara vaayrasii koronaarratti muul’atu labsiin kun ni hambisa jedhamee eeggama jedhan.
 
Dura taa’an Paartii ‘Izeemaa’ obbo Yeshawaas Asaffaas gama isaaniin labsiin kun lammiilee weerara dhibee koroonaarra kan baraaru waan ta’eef barbaachisummaan isaa kan wal nama mormisiisuu miti jedhan.
 
Hoggantoonni kunneen labsii kana bu’aa qabeessa taasisuuf kutaaleen hawaasaa hundi itti gaafatamummaa isaanii ba’uu qabu jedhan.
 
Adeemsa hojiirra oolmaa labsii kanaarratti lammiilee harka qalleeyii deeggaruuf hojiin eegalamee cimee itti fufuu qaba jedhan.
 
Awwal Abarraatu gabeese
Comments (0)
Add Comment