Labsiin yeroo ariifachiisaa dhala namaa lubbuun ceesisuuf ergama ijoo kan qabuudha –I/A/MM FDRI Dammaqqaa Makkoonniin

Fifninnee, Caamsaa 7, 2012 (FBC) – Labsiin yeroo ariifachiisaa dhala namaa lubbuun ceesisuuf ergama ijoo kan qabuudha jedhan Itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonnin.

Miidhaa balaa ummamaaa fi namtolcheen ga’uu danda’u ittisuuf qophii ga’aa taasisuun barbaachisaa ta’uu Itti aanaa Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonnin hubachiisaniiru.
 
Obbo Dammaqaan Koree ittisa balaa fi qophummaa biyyaaleessa waliin haala weerara vaayrasii koroonaa fi hoomaa awwaannisaa ittisuun danda’amurratti mari’ataniiru.
 
Raaga haala qilleensaa baatiwwan dhufaniirratti mari’achuun kallattiin kaa’ameera.
 
Walitti qabaan Korichaa fi Itti aanaan Muummee Ministiraa FDRI obbo Dammaqaa Makkoonnin, miidhaa balaa ummamaaa fi namtolcheen ga’uu danda’u dursanii ittisuuf qophii ga’aa taasisuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
 
Labsiin yeroo ariifachiisaa dhala namaa lubbuun ceesisuuf ergama ijoo qaba kan jedhan obbo Dammaqaan,hawaasni jijjiirrama amalaa fiduu akka qabanii fi weerara yaaddessaa kana ittisuuf qophiin taasifamu cimuu qaba jedhaniiru.
 
Miidhaa weerarri hoomaa awwaannisaa qaqqabsiisuu danda’u ittisuuf xiyyeeffannoo olaanaan itti kennamuu akka qabus hubachiisaniiru.
 
Miidhaa gama lachuunuu ga’uu danda’u hir’isuuf qindoominni qaama hundaa akka barbaachisu eeraniiru.
 
Raagaa haala qilleensarratti hundaa’uun baatiwwan dhufan keessa miidhaa ga’uu danda’u hambisuuf qophiin barbaachisu ariitiin xummuramuu akka qabu akeekkachiisaniiru.
 
Miidhaa balaa ummamaaa fi namtolcheen ga’uu danda’u dursanii ittisuuf qophiin barbaachisu akkatuma kallattii kaa’ameen xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu miseensonni koree ittisa balaa fi qophummaa biyyaalessaa ibsuu isaanii ragaan Waajjira Itti aanaa Muummee Ministiraa FDRI irraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment