Labsiin yeroo ariifachiisaa baatii afuriif akka dheeratu murtaa’e

Finfinnee, Amajjii 24, 2016 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsii nageenyaa fi tasgabbiin ummaataa kabachiisuuf Manni Maree Ministiroota labsee ture baatii afuriif akka dheeratu yaada murtoo dhiyaate raggaasiseera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii addaa 1ffaa bara hojii 3ffaa har’a gaggeesseen labsiin nageenyaa fi tasgabbii ummaataa kabachiisuuf ba’e lakkoofsi 1299/2015 akka dheeratu yaada murtoo dhiyaate erga qoratee booda raggaasiseera.

Yaadni murtoo kun sagalee mormii 3,kan sagalee hin laanne 2 fi sagalee caalmaan baatiiwwan afuriif akka dheeratu ragga’eera.

Yeroon Hojii Miseensota Boordii Qorannoo Labsii yeroo ariifachiisaa akka dheeratu yaada murtoo dhiyaates erga qoratee booda raggaasiseera.

Miniyichil Azzazawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment