Labsiin Sirna Eegumsa Daataa Dhuunfaa Cimaa uumuuf gargaaru ragga’e

Finfinnee, Bitootessa 26, 2016 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Walga’ii idilee 20ffaa gaggeesseen labsii sirna eegumsa daataa dhuunfaa raggaasiseera.

Koreen Dhaabbii Dhimmoota Misoomaa Humna Namaa, Bobbii Hojii fi Teeknooloojii, labsichi dhaabbata to’annoo eegumsa daataa dhuunfaa moggaasuun sirni eegumsaa daataa dhuunfaa cimaan akka uumamu taasisuuf murteessaadha jedheera.

Daataa dhuunfaa walitti qabuun barbaachisaa ta’aa dhufuu fi adeemsa kenniinsa tajaajilaa dijitaalawaa keessatti daataawwan dhuunfaa walitti qabaman qindeessuun guddina hawaasummaa fi dinagdeef gaheen qabu dabalaa dhufuun labsichi akka qophaa’e eerameera.

Akkasumas daataan wayita walitti qabamuu fi qindaa’utti sarbamni mirga daataa dhuunfaa akka hinuumamne to’achuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera.

Wayitaa sarbamni mirga daataa dhuunfaa mudatu furmaataa bu’aa qabeessaa kennuuf akkasumas hojii qindeessuun walqabatee balaa uumamuu hir’isuu fi aadaa daataa qindeessuu itti gaafatamaa qabu guddisuuf kan tumsu ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment