Labsiin fooyyessa filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo Itiyoophiyaa ragga’e

Finfinnee, Caamsaa 27, 2016 (FBC)- Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsii fooyyessa filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo Itiyoophiyaa raggaase.

Mana Marichaatti Ministirri Itti Waamamaan Mootummaa Tasfaayee Beeljigee barbaachisummaa labsichaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, labsichi fooyya’uun, humnoonni qabsoo hidhannootiin aangoo qabachuu barbaadan karaa seera qabeessaa fi nagaa akka hordofan kan taasisudha jedhan.

Fooyyessi barbachisaan yaalii Itiyoophiyaatti nageenya mirkaneesuuf jalqabame tumsuuf ta’uu eeraniiru.

“Humnaa fi waraanaan rakkoo furuuf yaaluun aarsaa akka kafallu nu taasiseera” kan jedhan Obbo Tasfaayeen, mootummaan jijjiiramaa filmaata karaa nagaaf cimee hojjechaa akka jiru dubbatan.

Aadaa siyaasaa guddisuu fi hammattoowwan seeraa fooyyessuu fi gareewwan qabsoo hidhannoo keessatti hirmaatan gara seera qabeessaatti akka dhufan haala mijataa uumuuf kan xiyyeeffare ta’uus kaasaniiru.

Kanaaf gareewwan sababoota addaa addaatiin gara qabsoo hidhannootti galan qabsoo siyaasaa seera qabeessaa fi nageenyaatti akka guddatan labsicha fooyyessuun barbaachiseera jedhan.

Sochiin hidhannoo Itiyoophiyaa miidhaa akka jiru kan kaasan miseensonni mana marichaa labsiin fooyya’e kun biyyattiitti nageenya waaraa mirkaneessuuf yaalii taasifamu kan tumsu ta’uu ibsaniiru.

Manni marichaa walga’ii idilee 30ffaa har’a taa’een labsii fooyyessa filannoo, galmee paartilee siyaasaa fi naamusa filannoo Itiyoophiyaa sagalee caalmaan raggaasuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment