Labsiin bulchiinsaa fi to’annoo kiraa manaa rakkoo dhiyeesii manaa ni fura-Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Bitootessa 28, 2016 (FBC)- Labsiin bulchiinsaa fi to’annoo kiraa manaa rakkoon dhiyeesii manaa akka furamu taasisa jedhan Ministirri Ministeeraa Magaala fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniin

Waltajjiin Marii Labsii Bulchiinsaa fi To’annoo Mana Kiraa gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Ministirri Ministeerichaa Aadde Caaltuu Saaniin, mootummaan fedhii mana jireenyaa lammiilee guutuuf misooma manaa irratti hojjechaa jiraachuu eeraniiru.

Kana malees, Labsiin Bulchiinsaa fi To’annoo Kiraa manaa gama dhiyeessii mana jireenyaan rakkoolee jiran kan furu ta’uus himan.

Bu’uura qorannoowwan garaagaraan Itiyoophiyaatti galii lammiileen argatan %80 kiraa manaaf kan oolu ta’uu eeranii, rakkoo kana furuufis gaheen labsichaa olaanaa akka ta’u kaasaniiru.

Labsichi kireessa fi kireeffataan fayyadamtootaa madaalawaa kan taasisuudhas jedhaniiru.

Labsiin Bulchiinsa fi To’annoo Kiraa Manaa Magaalaa Finfinnee, Dirree Dhawaa fi magaalota waamamtoota naannooleetti hojiirraa akka oolu kan eerame yoo ta’u, akka barbaachisummaa isaattis naannoleen magaalotaa birootti kan hojiirraa oolchan ta’uu kaasaniiru.

Maraa’ol Kadiirtu gabaase

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment