Finfinnee, Sadaasa 30, 2017 (FMC) – Labsiin bulchiinsa Bittaa fi Qabeenyaa Mootummaa Federaalaan lakkoofsi 1333/2016 Afaan Amaaraa fi Ingiliziin qophaa’e tajaajila lammiilee qaroo dhabeeyyiif dhiyaatera.
Lammiileen qaroo dhabeeyyiin waa’ee labsichaa hubannoo akka argataniif Labsiin kun Bireeliin qophaa’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru.
Labsiiwwanii fi Dambiiwwan waayita qophaa’aan lammiilee qaama miidhamtoota haala tilmaama keessa galcheen ta’uu akka qaban labsiin kun fakkeenya gaarii taa’uu eeraniiru.
Abbaan Taayitaa bulchiinsa bittaa fi qabeenyaa labsicha haala kanaan qopheessuun lammiilee qaroo dhabeeyyiif dhiyeessuun gochaa jajjabeeffamuu qabu ta’uu Obbo Ahimad Shiideen eeruu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia