Labsiin Sirna Bittaa fi Gurgurtaa Bu’aalee Boba’aa ragga’e

Finfinnee, Amajjii 1, 2017 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseen labsii sirna bittaa fi gurgurtaa bu’aalee boba’aa irratti mari’achuun sagalee mormii lamaa fi kan sagalee hinkennine 1’n sagalee caalmaan raggaaseera.

Buufataaleen boba’aa tajaajila addan hincitne akka kennan dirqamsiisuuf, boba’aan utuu jiruu tajaajilli akka addaan hincitne kan taasisuudha jedhameera.

Dabalataan hordoffii konkolaattota boba’aa geejjibsiisan hordofuuf teeknoolojii ‘GPS’ akka hidhatan labsichaan tumameera.

Bu’aaleen boba’aa faayidaa hawaas-diinagdee olaanaa waan qabaniif dhiyeessii, kuufama, raabsaa fi nageenyummaan isaanii sadarkaa Idil Addunyaa kan eeggatan taasisuuf tumsa jedhameera.

Gochaalee seeraan alaa fuuncaa daldala boba’aa mul’atan to’achuuf haala mijataa kan uumuudha jedhameera.

Daayrektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Inarjii fi Boba’aa Aadde Saharallaa Abdullaahii gama isaaniin, qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin ta’uun seeraa alummaa to’achuuf seera cimaa akka barbaachisu waliigalteerra ga’amuu himaniiru.

Taarifa mootummaan kaa’uun ala gurguruun rakkoolee damicha keessatti mul’atan keessaa ta’uu himanii kunis labsichaan tumamuu kaasaniiru.

Labsiin duraan ture lakkoofsa 838/2006 irratti bu’aalee boba’aa to’achuun walqabatee hanqinaalee akka qabuu fi kan amma ragga’e qisaasamaa fi rakkoolee damichaa hambisuuf gahee olaanaa akka qabu akeekaniiru.

Yeshaambal Mihiretitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment