Labsii yeroo ariifachiisaan tarkaanfiilee fudhatamanii fi raawwiiwwan dhorkaman ifooman

Finfinnee, Adoolessa 28, 2015 (FBC)-Nageenya ummataa Naannoo Amaaraa eeguuf labsii yeroo ariifachiisaa Mana Maree Ministirootaa akka labsamuu murtoo dabarseen tarkaanfiilee fudhatamanii fi raawwiiwwan dhorkaman ifoomaniiru.

Haaluma kanaan:-

1. Namni kamuu bu’uuraa labsichaan qajeelfamoota ba’an, ajajoota fi murtoowwan dabarfaman hojiirra oolchuu fi kabajuuf dirqama qaba.

2. Ajajni qajeelcha waliigalaa yeroo ariifachiisaa sochii fi hokkaraa kaayyoo labsii yeroo ariifachiisaa faallaa kan jajjabeessan, lammiilee nagaa kan shororkeessan, akkasumas haasawaa nageenya booressan, kakaasii kallattii fi kallatti malee kamuu daandii kamiinuu taasisuun yookaan tamsaasuun dhorkaadha.

3. Daandii kamiinuu gareewwan hidhataniif deeggarsa maallaqaa, odeeffannoo, meeshalees ta’ee haamilee taasisuun dhorkaadha.

4. Eeyyama Ajaja Qajeelcha Waliigalaa Yeroo Ariifachiisaatiin ala walga’ii adda baba’ii yookaan hiriira nagaaa taasisuun dhorkaadha.

5. Eeyyama Ajaja Qajeelcha Waliigalaa Yeroo Ariifachiisaan ala meeshalee waraanaa kamuu qabatanii socho’uun dhorkaadha.

6. Damee tajaajilaas ta’e adeemsa oomishaa kamuurratti hojii dadhabsiisuu yookaan shira diinagdee raawwachuun dhorkaadha.

7. Raawwii labsii yeroo ariifachiisaa sababeeffachuun faayidaa dhuunfaa argachuuf aangoo seera malee fayyadamuu, shakkiin sababa hinqabnee utuu hinjiraatin lammiilee hidhuu yookaan tarkaanfii walfakkaataa fudhachuun dhokaa ta’uu beeksiseera.

Ajajni Qajeelcha Waliigalaa Yeroo Ariifachiisaa kaayyoo labsichaa milkeessuuf barbaachisaa ta’uu wayita itti amanu:

1. Hirriira Addababa’ii gaggeessuu, gurmeessuu fi gareen socho’uu ittisuu;

2. Uggura sa’aatii labsuu, yeroo murta’eef daandii tokko, geejjibaa dhaabbilee kenniinsa tajaajilaa akka cufamanii fi akka addaan cituu ajajuu;

3. Namoonni yeroof bakka murtaa’e akka turan, naannawaa murtaa’e akka hingalle yookaan naannawaa murtaa’e akka gadi lakkisan ajajuu;

4. Meeshaalee waraanaa, kan qara qabu yookaan wantoota balaa qaaqqabsiisuu danda’an qabatanii socho’uu dhorkuu;

5. Mootummaa fi sirna heera mootummaa irratti yakkootaa aggaamamaanii fi labsii yeroo ariifachiisaa cabsuu fi yakka raawwii isa gufachiisuu raawwachuu, yaaluu yookaan raawwachuuf qophii irraa jiraachuun nama shakkame kamuu ajaja mana murtii malee to’annoo jala akka turu taasisuu;

6. Meeshalee yakkii rawwaachuu yookaan ittiin raawwatamuun shakkaman qabuuf jecha ajaja mana murtii malee yeroo kamittuu naannawaa kamittu socho’uun sakatta’uu;

7. Haala bu’uuraalee misoomaa mootummaa fi ummataa eeguuf murteessuu;

8. Faallaa labsii kanaa socho’aa jiraachuun miidiyaalees ta’e qaamolee biroon akka cufaman, akka dhaaban, eeyyamni isaanii akka haqamu, yookaan sochiin isaanii akka ugguramu ajajuu;

9. Dhaabbileen kenniinsa tajaajilaa kamuu akka cufamanii fi ummataaf tajaajila akka kennu ajajuu;

10. Konkolaataa geejjibaa ummataa fi meeshaaleen geejjibaa tajaajila akka kennan ajajuu;

11. Caasaalee bulchiinsaa sadarkaan jiran deebi’anii hundeessuu, gurmeessuu yookaan dhimmoota bulchiinsaa fi nageenyaa ilaalchisee tarkaanfiiwwan dabarfamanii fi fudhataman biroo fudhachuu;

12. Nageenya ummataa, biyyaaf tarkaanfiiwwan barbaachisoo ta’an fudhachuu, murtoowwan dabarsuu fi ajaja kennuuf aangoo kan qabuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment