Labsii tajaajila lammummaa labsameen duudhaa Oromummaa ijaaruuf ni hojjenna – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Adooleessa 4, 2013 (FBC) – Labsii tajaajila lammummaa labsameen duudhaa Oromummaa ijaaruuf ni hojjenna jedhan Preezdaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Preezdaantiin mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan sagantaa eegalchiisa tajaajila lamummaa seektara barnootaa magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamerratti haasawa taasiisaniin labsiin tajaajila lamummaa seektara banootaa bara kanaa ifatti laabsamuu ibsaniiru.

Seektara barnootaa keessatti manneen barnootaa bu’uuraa ijaaruu, kitaaba barnoota walitti qabuu, Daree dabalataa ijaaruu, tajaajila ashaaraa magariisaa, Qonna gannaa fi manneen barumsaa haaromsuu ni hojjetama jedhan.

Misoomni kan milkaa’uu humna waloon, tattaaffii namaa dhuufaa fi baajata mootummaa fi deeggartootaan ta’uu himaniiru.

Obbo Shimallis qulqullina barnootaa milkaneessuuf qaamolee qooda ba’aa jiran hunda galeeffataniiru.

Tajaajilli lammummaa dhaloota ijaaruu fi misooma waloo galmaan ga’uuf kan labsame ta’uu himaniiru.

Imaanaa ummanni filannoo marsaa 6ffaan nutti laate milkeessuuf haala addaan hojjenna jedhan preezdaant Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis,bu’aa filannoo marsaa 6ffaa kaleessa ifoome ilaalchisee ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.

Hojiilee akka seekatarichaatti hojjetamuuf karoorfaman keessaa oolmaa daa’immanii bu’uura boruu kuma 3 ijaaruu, kitaabilee garaagaraa miiliyoona 3 ol walitti qabuu fi ga’eessotaa miiliyoona 3 ol barsiisuun hojii gurguddoo ta’uu saganticharratti ibsameera.

Guyyaa har’aa Birrii miiliyoonni 13 fi Kitaabileen kumn dhibbi 2 fi kumni  50 walitti qabamuu ibsameera.

Jiraattoonni magaalaa Bishooftuu preezdaant Shimallisii fi hoggantoota mootummaa saganticharratti argamaniif kennaa laataniiru.

Siifan Magarsaatiin

Suuraan OBN

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment