Labsii taaksii dabalata qabeenyaa qophaa’aa jiru hojmaata haraa dabaluuf kan dandeessisuudha-Dooktar Iyyoob Takkaallinyi

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2016 (FBC)- Adeemsa qophiirra kan jiru labsiin taaksii dabalata qabeenyaa (VAT) dandeetii galii walitti qabuu mootummaa kan guddisuu fi hojmaataa hinhammatamne dabaluuf kan dandeessisu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaallinyi ibsan.

Bara baajata haaraatti hojiirra ni oola jedhamee kan eegamu wixinee fooyyessa labsii taaksii dabalata qabeenyaa ilaalchisuu waltajjiin marii gaggeeffameera.

Labsichi kutaalee hawaasaa galii gadaanaa argatan kan giddugaleeffate ta’uu Koreen Dhaabbii Dhimmoota Faayinaansii, Baajataa fi Pilaanii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ibseera.

Waltajji marii korichii qopheesserratti gaaffii fi yaada kutaalee hawaasaa fi dhaabbilee garagaraa dhiyaataniif Dooktar Iyyoob deebii fi ibsa bal’aa kennaniiru.

Labsiin fooyya’u dandeetii galii walitti qabuu mootummaa kan guddisuu fi kanaan dura hojmaataa taaksii dabalata qabeenyaa keessatti hammatamanii hinturre dabaluuf kan dandeessisudha jedhan.

Walitti Qabaan Korichaa Obboo Dassaalanyi Wadaajee gama isaaniin, kutaaleen hawaasaa galii gadaanaa argataanirraatti dhiibbaan akka hinuumamnee fi taaksii dabalataa qabeenyaarraa walabaa akka ta’anitti kan hojiirraa oolu ta’uu dubbataniiru.

Labsicha hordofees qajeelfamoonni akka qophaa’an ibsamuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo mara waan nu waliin taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment