Finfinnee, Sadaasa 26, 2017 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Labsii Misooma Riil Isteetii, Daldalaa fi tilmaamama qabeenya hin sochoonee dabalatee labsiiwwan 3 raggaasiseera.
Manni marichaa Walga’ii Idilee 9ffaa Bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa har’a gaggeesseen Labsii Misooma Riil Isteetii, Daldalaa fi tilmaamama qabeenya hin sochoonee dabalatee labsiiwwan 3 qorachuun raggaasiseera.
Haaluma kanaan labsiin Gamoowwan Itiyoophiyaa haala sirna rakkoo bulchiinsa gaarii furuun, fayyadamummaa qaama miidhamtootaa mirkaneessuun, hanqinaalee qulqullina ijaarsaa fi qisaasama qabeenyaa hir’isuun, ifaa fi hojiirra oolmaaf mijataa ta’e diriirsuuf dandeessisuun dhiyaatee erga irratti mari’atamee booda sagalee guutuun ragga’eera.
Akkasumas Labsiin Misooma Riil Isteetii, Daldalaa fi tilmaamama qabeenya hin sochoonee murtoof dhiyaachuun manni marichaa bal’inaan erga irratti mari’atee booda sagalee caalmaan ragga’eera.
Gama biroon gabaasni yaada murtoo labsii mallattoo Elektirooniksii dhiyaachuun irratti mari’atameera.
Manni marichaas wixinee dhiyaate qorachuun barbaachisummaa isaa guutummaatti erga amanee bood wixinicha sagalee guutuun raggaasisuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia