Finfinnee, Caamsaa 5, 2015 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti hojiin galii beeksisuu fi kaffaluu harcaatii malee akka raawwatamuuf labsii abbomummaa kaffaltii gibiraa waggaa tokkoof turu ifoomsuu Pireezidaantiin Naannichaa Obo himallis Abdiisaa himan.
Sagantaan Sosochii fi Beekamtii Kennuu Kaffaltoota Gibiraa fi Taaksii naannoo Oromiyaa gaggeeffame.
Saganticha ilaalchisuun Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, kaffaltoota gibiraa amanamummaan gibira isaanii beeksisanii fi kaffalan 129f beekkamtii kennuun Ambaasaddara kaffaltii gibiraa naannichaa ta’anii akka tajaajilaniif amaanaa laataniiru.
Naannoo Oromiyaatti hojiin galii beeksisuufi kaffaluu harcaatii malee akka raawwatamuuf labsii abbomummaa kaffaltii gibiraa waggaa tokkoof turus ifoomsuu himan.
Labsiin waggaa tokkoof turu kun caasaaleen mootummaa gubbaa hanga gadii jiran seerri gibiraa kabajamee galiin harcaatii tokko malee akka walitti qabamuuf sosochii uumanii akka hojjetan kan taasisuu ta’uu eeraniiru.
“Ambaasaddaroonni gibiraa har’a itti gaafatamummaa fudhatanis milka’inaa kanaaf akka hojjetan abdii guddaan qaba” jechuun Pireezidaanti Shimallis ibsaniiru.
Hoggantuun Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa Aadde Masarat Dabbaba gama isaaniin, galiin naannichaa waggaa waggaan dabalaa dhufuu kaasanii, kaffaltootaa gibiraa dirqamaa isaanii yeroon bahataachuun raawwii kana milkeessan galateeffataniiru.
Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.