Finfinnee, Waxabajjii 18, 2014 (FBC) – Labsiin sirna bulchiinsa federaalaa lammiileen mirgaa fi dirqama isaanii baranii mirga isaanii fayyadamuun biyyasaanii akka guddisaniif ga’ee olaanaa qabaachuu ibsame.
Ministeerri Haqaa raawwii labsii sirna bulchiinsaarratti hoggantootaa fi hojjettoota Ministeera Maallaqaa, Ministeera Fayyaa, Ministeera Galiiwwanii fi Komishinii Gumruukaa waliin Magaalaa Bishooftuutti mari’achaa jira.
Dhaabbilee bulchiinsaa irratti mirga lammiilee haalaan mirkaneessuuf labsichi faayidaa olaanaa qabaachuu Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Obbo Fiqaaduu Tsaggaa haasawaa taasisaniin ibsaniiru.
Marichaan Ministeeronni Maallaqaa, Fayyaa, Galiiwwanii fi Komishiniin Gumruukaa qajeelfama baasuunii fi murtoowwan isaaniirratti lammiilee hagam hirmaachisaniiru kan jedhu kan ilaalamu ta’uu fi gabaasni hordoffii dhaabbilee kanneen irratti gaggeeffame kan dhiyaatu ta’uu eerameera.
Hayimaanot Iyyaasuutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.