Laallibalaan naannawaa addaa agarsiiftuu ogummaa, mul’ataa fi cimina Itiyoophiyaanootaati – Salamaawiit Kaasaa Finfinnee, Mudde 28, 2017 (FMC) – Laallibalaan naannawaa addaa, agarsiiftuu ogummaa, mul’ataa fi cimina Itiyoophiyaanootaa ta’uu Ministirri Ministeera Tuurizimii Salamaawiit Kaasaan ibsan. Salamaawiit Kaasaan hojii Piroojektii haaromsa manneen amantaa Laallibalaa daawwataniiru. Piroojektichi kunuunsaa fi eegumsa manneen amantaa, akkasumas sosochii naannichaaf haala mijata kan uumu ta’uu Salamaawiit Kaasaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru. Hojichi hambaalee haaromsa hatattamaa barbaadaan 22 dabalatee teessuma lafaa seenaa qabeeyyii, ijaarsa dandeettii, akkasumas hoji8 Igzibiishinii fi Piroomooshinii kan of keessatti hammate ta’uu eeraniiru. #Oromiyaa #Ethiopia

Finfinnee, Mudde 28, 2017 (FMC) – Laallibalaan naannawaa addaa, agarsiiftuu ogummaa, mul’ataa fi cimina Itiyoophiyaanootaa ta’uu Ministirri Ministeera Tuurizimii Salamaawiit Kaasaan ibsan.

Salamaawiit Kaasaan hojii Piroojektii haaromsa manneen amantaa Laallibalaa daawwataniiru.

Piroojektichi kunuunsaa fi eegumsa manneen amantaa, akkasumas sosochii naannichaaf haala mijata kan uumu ta’uu Salamaawiit Kaasaan fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru.

Hojichi hambaalee haaromsa hatattamaa barbaadaan 22 dabalatee teessuma lafaa seenaa qabeeyyii, ijaarsa dandeettii, akkasumas hoji8 Igzibiishinii fi Piroomooshinii kan of keessatti hammate ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment