Kuweet hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuun kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC)- Kuweet hariiroo gamlamee fi damee hedduu Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsite.

Ambaasaaddar Sa’iid Mahaammad xalayaa muudamaa isaanii Dhaaltuu Gonfoo Biyyattii Sheek Mishaal Al Ahimad Al Jaabaar Al Sabahiif dhiyeessaniiru.

Haaluma kanaan hariiroo seenaa qabeessaa biyyoota lameenii dinqisiifachuun fuulduratti walta’iinsa jiru daran guddisuun akka barbaachisuu Ambaasaaddar Sa’iid kaasaniiru.

Mootummaan Kuweetis hariiroo biyyoota lameenii caalmaan cimsuuf tattaaffii taasifamuuf deeggarsa akka taasisan amantaa qaban ibsaniiru.

Sheek Mishaal Al Ahimad Al Jaabaar Al Sabah gama isaaniin, ergaa hawwii gaarii Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee fi Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad dabarsaniif galateeffataniiru.

Kuweet hariiroo gama lameenii fi damee hedduu Itiyoophiyaa waliin qabduu cimsitee akka itti fuftu mirkaneessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa turtii biyyattiitti qabaataniin mootummaan isaanii deeggarsa barbaachisaa akka taasisuuf himaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment