Kuweet balallii gara Iraaqitti taasiiftu adda kutuu beeksiifte

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Kuweet haleellaa Rookkkeettii Buufata Xiyyaaraa Baagdaadirratti raawwatame hordofee balallii gara Iraaqitti taasiiftu adda kutuu beeksiifteerti.

Haalli Waqtaawaa yeroo ammaa Iraaq jiru nageenya imaltootaaf sodaachisaa ta’uu isaan Kuweet murtoo kana dabarsuu ibsameera.

Jimaata darbe haleellaa Rookkeetti buufata Xiyyaaraa Baagdaad irratti raawwatameen xiyyaara imaltootaa lama irra miidhaan qaqqabuu ibsameera.

Haleellaan Daandii Qilleensaa Iraaq irratti raawwatame maqaa gaarii biyyattii xuruusseef kan raawwatame waan ta’eef duub deebii cimaa ta’e ni laanna jedhaan Muummeen Ministiraa Iraaq Musxafaa Al Kaadiimiin.

Haleellaa raawwatameef hanga ammaatti qaamni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru jedhame.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment