Kuubaan hariiroo seenaa qabeessa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ibsite

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Kuubaan Hariiroo fi tumsa hundagaleessa Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu beeksiifteerti.

Kuubaatti Ambaasaaddarri Ityoophiyaa Shibbiruu Maammoon Itti aanaa Ministira Dhimma Alaa Kuubaa Anaayaanisii Roodriigeez waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

Ambaasaaddar Shibbiruun deeggarsa damee hundaan Kuubaan Ityoophiyaaf taasiiftu dinqisiifachuun galateeffataniiru.

Ityoophiyaan hariiroo waloo Kuubaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf fedhii qabaachuu eeraniiru.

Ambaasaaddar Shibbiruun dhimma Marii Sadee Hidha Haaromsaa, Waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaanii fi haala waqtaawaa Naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa laataniiru.

Itti aanaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa Kuubaa Anaayaanisii Roodriigeez gama isaaniin ibsa haala waqtaawaa Ityoophiyaa ilaalchisee laatameefitti daraan gammaduu ibsaniiru.

Ityoophiyaan qormaata amma ishee muudate kan ceetu ta’uu amantaa qabaachuu himaniiru.

Kuubaan Hariiroo seenaa qabeessa damee hundaan Ityoophiyaa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment