Kuubaan Hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf murannoo qabaachuu ibsite

Finfinnee, Fulbaana 9, 2017 (FBC) – Kuubaan Hariiroo waloo fi hundagaleessa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu ibsiteerti.

Riippaablika Kuubaatti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun kan muudaman Ambaasaaddar Ayyalaa Liireen xaalayaa mudama isaanii Itti Aanaa Pireezidaantii biyyattii Saalvaaldoor Antooniyoo Vaaldeesii Meesaaf dhiyeessaniiru.

Kuubaan Hariiroo waloo fi hundagaleessa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsuuf murannoo qabaachuu Saalvaaldoor Antooniyoo Vaaldeesii Meesaan ibsaniiru.

Tumsa gamhedduu Itiyoophiyaan Kuubaaf taasiifte galateeffachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii caalmaatti guddisuuf murannoon kan hojjetan ta’uu Ambaasaaddar Ayyalaan eeraniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment