Finfinnee, Sadaasa 30, 2014 (FBC)- Ityoophiyaatti haaraa kan muudaman Ambaasaaddarri Kuubaa Joorg F.L Nikoolaas biyyoonni tokko tokko Ityoophiyaarratti dhiibbaa qinda’aa taasisaanii fi duula oduu sobaa midiyaalee mootummaan Kuubaa kan mormuu ta’uu ibsaniiru.
Ambaasaaddarichi galagalchaa xalayaa muudama isaanii Ministeera Dhimma Alaatti itti aanaan dhimmoota pirootokoolii Ambaasaaddar Alamaayyoo Sawaagaanyiif laataniiru.
Ambaasaaddarrichi Kuubaan hariiroo Ityoophiyaa waliin qabdu guddisuuf murannoo kan qaban ta’uu himaniiru.
Akkuma kanaan duraa Kuubaan Ityoophiyaa cinaa jiraachuu ishee ibsuun, deeggarsa dippiloomaatii barbaachisaa ta’ee akka laattuus mirkaneessaniiru.
Ambaasaaddarichi turtii isaaniin, dameewwan barnootaa, fayyaa fi misoomaa sukkaaraarratti tumsa biyyoota lamaan giddu jiru guddisuuf kan hojjetan ta’uu ibsuusaanii ragaan waajjira dubbi himaa ministeera dhimma alaarra argamee ni muul’dhisa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.