Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Ministirri Ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalam Gaanfaa Afrikaatti Ergamaa Addaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Hanaa Teeteekin waliin mari’ataniiru.
Haala waqtaawaa biyyaalessaa, hojiilee nageenya waaraa, lammiilee buqqaa’aniif deeggarsa namoomaa taasifamaa jiranii fi hojiilee ijaarsa nageenyaa biroorratti mari’ataniiru.
Deeggarsi namoomaa ummataa Tigraayiif dhiyaatu sadarkaa gaariirra jiraachuu kan eeran ergamaan addaa kun, kutannoo mootummaan Ityoophiyaa deeggarsa namoomaa taasisuuf qabu kan jajjabeeffamuudha jedhaniiru.
Lammiilee naannolee biroorraa sababa garagaraan buqqaniifis deeggarsa taasisuuf mootummaa Ityoophiyaa waliin kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Ijaarsa nageenyaa waaraaf marii biyyaalessaa gaggeeffamuuf jiru deeggaruun ummataa fi mootummaa Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbataan ta’uu ibsuu isaanii Ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.