Kutaan waraanaa Eegumsa Humna Qilleensaa dhaabbaticharra darbee nageenya naannawaa mirkaneessaa jira – L/J Yilmaa Mardaasaa

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC) – Kutaan waraanaa Eegumsa Humna Qilleensaa dhaabbaticharra darbee nageenya naannawaa mirkaneessaa jiraachuu Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsan.

Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan raawwii Hojii kutaa waraanichaa gamaaggamaniiru.

Humnichi dhaabbatichaa fi biyya kan eegu, ergama itti kenname ga’umsaan kan raawwatu humna cimaa fi murteessaa ta’uu eeraniiru.

Ammas ergama isaa namuusa waraanaa cimaa fi miira jaalala biyyaan raawwachuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Kutaan waraanichaa qaamolee nageenyaa naannawaa waliin qindoomuun nageenya waareessuuf hojii jajjabeessaa raawwachuu Ajajaa olaanaan Kutaa waraanaa Eegumsa Humna Qilleensaa Koloneel Wanduu Waldeen himuu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment