Kutaan magaalichaa naannoo Affaaritti lammiilee waraanaan miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 11tti tilmaamamu taasise

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2014 (FBC)- Kutaan Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo naannoo Affaaritti lammiilee waraanaan miidhamaniif deeggarsa meeshaalee nyaataa fi uffataalee Birrii miiliyoona 11tti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsichi itti aanaa kutaa hoji raawwachiisa magaalichaa obbo Tawaddaaj Haaylamaariyaam itti gaafatamaa waajjira ittisa balaa fi qindeessaa wabii nyaata naannoo Affaar obbo Mahaammad Huseeniif har’a laataniiru.

Obbo Tawaddaaj akka himanitti, lammiilee buqqa’aaniif deeggarsa taasisuun tumsa qaamolee hunda ni barbaachisaa jedhaniiru.

Naannichaatti yeroo amma kana lammiileen miiliyoonni 1.3 waraanaa buqqa’aaniif deeggarsi guyyaa kan barbaachisuu ta’u ibsameera.

Maddi:-TOI

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment