Finfinnee, Sadaasa 3, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinnee kutaa Addis Katamaa Aanaan 4 duula birmadummaaf Birrii miiliyoona 7 ol walitti qabuu ibsameera.
Bulchiinsi aanichaa duula birmadummaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 10 walitti qabuuf karoorfatee miiliyoonni 7 sassaabamuu bulchaan aanichaa obbo Daawwit Biraanuu ibsaniiru.
Hojii gaggeessituun Kutaa magaalichaa Aadde Shittaayee Mahaammad gamasaaniin, duulli birmadummaa taasifamaa jiru duula Uummataa ta’uusaatiin tokkoon tokko namaa naannoo isaa eeguurraa eegalee deeggarsa taasisuu akka qabu kaasuu isaanii ragaan Waajjira Kominikeeshinii Kutaa magaalichaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.