Kutaan magaalaa Lammii Kuraa godina Kamiseetti lammiilee buqqa’aaniif deeggarsa taasise

Finfinnee, Muddee 14, 2014 (FBC)- Magaalaa Finfinneetti Kutaan Bulchiinsa Magaalaa Lammii Kuraan jiraattoota godina Adda Saba Oromoo Walloo Kamiseetti sababa waraanaa ABUT baneen buqqa’aniif deeggarsa akaakuu gargaraa Birrii miiliyoona 73tti tilmaamamu taasiseera.

Deeggarsichi hirmaannaa qaamolee hawaasaa kutaa magaalichaa fi hojjetootarraa kan walitti qabameedha jedhameera.

Hoji gaggeessituun Olaantuu Kutaa magaalaa Lammii Kuraa Aadde Malaakee Alamaayyoo, deeggarsa kanaan dura gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisuu ibsaniiru.

Ammas Ummata qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqa’eefis itti fufiinsaan deeggarsi kan taasifamuuf ta’u dubbatan.

Birmadummaa biyya keenyaa eegsisuun, karoora badhaadhinaa biyyattiin qabattee jirtu dhugoomsuuf, hunduu ga’ee isarraa eegamu ba’achuu akka qabus dhaamuusaanii ragaan kominikeshinii kutaa magaalichaarra argame ni muul’dhisa.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment