Finfinnee, Amajjii 7, 2015 (FBC) – Kutaan magaalaa Gullalleefi Bulchiinsi magaalaa Shaggar ayyaanni Cuuphaa karaan nagaan akka kabajamuuf waliin kan hojjetan ta’uu ibsameera.
Waltajjiin marii hoggantoonni mootummaa, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, dargaggoonniifi jiraattonni irratti hirmatan gaggeeffameera.
Ayyaanni Cuuphaa karaa duudhaalee amantaafi aadaa isaa eeggateen dammaqinaan akka kabajamuuf Kutaan magaalichaafi Bulchiinsi Magaalaa Shaggar waloon kan hojjetan ta’uu ibsameera.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen haasawaa waltajjicharratti taasisaniin, Ayyaanni cuuphaa duudhaalee tokkummaafi aadaa isaa bifa eegeen kabajamuu akka qabu eeruun, akkuma kaleessaa nageenya keenyaaf waloon haa dhaabbannu jedhaniiru.
Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa Magaalaa Gullallee obbo Tasfaayee Oomeegan gamasaaniin, Ayyaanicha karaa nagaafi dammaqinaan kabajuuf kutaan magaalichaafi Bulchiinsi Magaalaa Shaggar waliin hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.
Hirmaattonni marichaa nageenya isaaniifi ayyaanichi karaan nagaan akka kabajamuuf kan hojjetan ta’uu ibsuu ragaan Wajjira Kantiibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.