Kutaan magaalaa Aqaaqii Qaallittii lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 6 taasiise

Finfinnee, Bitootessa 1, 2014 (FBC) –Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti Kutaan magaalaa Aqaaqii Qaallittii lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa midhaan nyaataa fi meeshaalee garaagaraa Birrii miiliyoona 6tti tilmaamamu taasiiseera.
Af Yaa’iin kutaa magaalichaa obbo Mulgeetaa Asaffan Godina Baalee Bahaa magaalaa Gidhiiritti argamuun deeggarsicha laataniiru jedhame.
Deeggarsichi midhaan nyaataa kuntaala 120, Marga nyaata beelladootaa konkolaattoota 13 kan of keessatti hammate ta’uu eerameera.
Itti gaafatamtuun Waajjira Ittisa Balaa fi Kaafamtoota misoomaa godinichaa Aadde Haragnash Alameen deeggarsa kutaan magaalichaa taasiise galateeffataniiru.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kana duras lammiilee godinaalee Baalee lamaanitti hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 78 taasiisuun kan yaadatamuudha.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment