Kutaaleen daree dabalataa manneen barnootaa keessatti babal’isuu hojjetamaa turan xummuramuun eebbifaman

Finfinnee, Gurraandhala 11, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti kutaaleen daree dabalataa manneen barnootaa keessatti babal’isuuf hojjetamaa turan xummuramuun eebbifamaniiru.
Weerara vaayrasii koroonaa hordofee saaxilamummaa barattootaa hir’isuuf bulchiinsi magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa hunda keessatti ijaarsa daree dabalataa manneen barnootaa hojjechaa ture xummuruun eebbisiiseera.
Kutaalee magaalaa 10 keessatti ijaarsi daree dabalataa manneen barnootaa 150 keessatti hojjetamaniiru.
Dareewwana dabalataan kumni 1 fi 721 olii fi galmawwan tajaajila nyaataa barattootaaf oolan 230 ijaarsi isaanii xummuramuun eebbifamuu isaanii ragaan Biiroo Konistiraakshinii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
Ijaarsa dareewwan dabalataa kanneeniif birriin biiliyoonni 2.3 baasii ta’uu ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment