Kutaalee magaalichaa garaagaraatti Zayitiin nyaataa raabsamaa jira jedhame

Finfinnee, Bitootessa 9, 2014 (FBC) – Kutaalee magaalaa Finfinnee garaagaraatti Zayitiin nyaataa raabsamaa jiraachuu ibsame.

Faanaa Broodkaasting Korporate Kutaa magaalaa Liddataa, Qiirqoosii fi Booleetti argamuun wayita Zayni kun raabsamu daawwateera.

Shamattoonni Zayita dhiyeessaa jiraatanis fedhii fi dhiyeessiin walgituu hin dandeenya jedhameera.

Hogganaan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee obbo Adam Nuur erga hanqinni dhiyeessii Zayitaa muudatee as Zayitiin Leetiriin miiliyoonni 1 fi kumni dhibbi 4 fi kumni 59 raabsamuu kaasaniiru.

Iddoolee hanqinni uwwisa walqa’iinsaa muudateetti Waldaalee Hojii Gamtaa dabalataan suuqoota qinxaaboo filatamanitti dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.

Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee fedhii fi dhiyeessiin Zayitaa akka walgituuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibseera.

Almaaz Makonniintu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment