Kutaalee Magaalaa Shaggarritti Inisheetiviin sagantaa nyaata barattootaa eegalame

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2016 (FBC) –Kutaalee Magaalaa Bulchiinsaa magaalaa Shaggaritti Inisheetiviin sagantaa nyaata barattootaa eegalameera.

Sagantaan nyaata barattootaa kun kutaa Magaalaa Furii fi Mana Abbichuutti eegalamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Sagantaan nyaata barattootaa qulqullina barnootaa mirkaneessuu keessatti gumaacha olaanaa qabaachuu eerameera.

Waajjirri barnootaa bulchiinsa magaalichaa bara barnootaa barattoota kuma 100 oliif nyaata dhiyeessuuf karoorfatee hojii eegaluun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment