Kutaalee biyyattii tokko tokkotti Roobni cimaan balaa lolaa tasaa fi sigiga lafaa hordofsiisu ni jiraata jedhame

Finfinnee, Adoolessa 23, 2016 (FBC) – Guyyoota Kurnan Itti Aanaan keessa Kutaalee biyyattii tokko tokkotti Roobni cimaan balaa lolaa tasaa fi sigiga lafaa hordofsiisu kan roobu ta’uu Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa beeksise.

Inistiityuutichi haala qilleensaa guyyoota kurnaan itti aananii ilaalchisee ibsa kenneera.

Bara Faranjootaa 2024 jalqaba Baatii Hagayyaa eegalee kutaaleen biyyattii Rooba Waqtii Gannaa argatanitti hammi Roobaa caalmaatti cimee kan itti fufu ta’uu himeera.

Kutaalee biyyattii tokko tokkotti Roobni Idileen olii balaa lolaa tasaa fi sigiga lafaa hordofsiisu kan roobu ta’uu raagera.

Kutaaleen Lixaa, Kaaba Lixaa, Kaaba, Kaaba Bahaa fi giddu galeessi biyyattii hamma Roobaa cimaa ta’e kan argatan ta’uu himeera.

Hammi Roobaa cimaa ta’e kun balaa lolaa fi sigiga lafaa hordofsiisuu waan danda’uuf hawaasni dursee of eeggannoo akka taasiissu yaadachiiseera.

Godinni Buunnoo Beddellee, Iluu Abbaa Boor, Jimmaa, Godinaalee Wallaggaa, Shawaa, Arsii, Harargee Lixaa, Magaakaa Finfinnee, Dirre Dhawaa fi Hararii dabalatee kutaaleen biyyattii hedduun Rooba giddugaleessaa hanga Rooba Idileen olii kan argatan ta’uu Inistiityuutichi raagera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment