Kutaa magaalichatti hojiileen maaddii guutuu fi namarratti xiyyeeffatan tajaajilaaf banaman

Finfinnee, Guraandhala 24, 2015(FBC)- Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti hojiileen maaddii guutuu fi nama namarratti xiyyeeffatan guyyoota 90 tajaajilaaf banamuu Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.

Piroojektoonni eegalchiifaman ,warshaa daabboo, giddugala nyaataa, giddugala kilaastara horsiisa loonii, horsiisa lukkuu, moodela qonna magaalaa akkasumas mandaroota moodelaa ta’uu Aadde Adaanach Abeebeen ergaa toora miidiya hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Piroojektoonni kunneen dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa qabatamaatti kan salphisaanii fi namoota hedduuf carraa hojii kan uumuun akkasumas aadaa hojii kan fooyyessan ta’uus eeraniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment