Magaalichaatti sagantaan jalqabsiisa ijaarsa Giddugala Oolmaa Daa’immaniifi Dargaggootaa Dhaloota Ida’amuu gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa garaagaraatti sagantaan jalqabsiisa ijaarsa Giddugala Oolmaa Daa’immaniifi Dargaggootaa Dhaloota Ida’amuu gaggeeffameera.

Kutaa magaalaa Nifaas Silk Laaftoo aanaa 2’tti sagantaan jalqabsiisa ijaarsa Giddugala Oolmaa Daa’immaniifi Dargaggootaa Dhaloota Ida’amuu gaggeeffameera.

Saganticharratti kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee, hoggantoonni olaanoon kutaa magaalichaafi keessummoonni biroon argamuu eerameera.

Aadde Adaanach haasawaa taasisaniin, yaadama ida’amuun dhaloota qaamaafi sammuun ijaaruun dhaloota biyyasaatiin boonu horachuun barbaachisaadha jedhan.

Ijoollee keenya barsiisuuniifi gorsuun ispoortiifi namusaan kan gahooman taasisuuf itti gaafatamummaa qabna jedhaniiru.

Aadde Adaanach daa’immaniifi kitaaba Dhaloota Ida’amuufi uffannaa ispoortii kennuu ragaan kominikeeshinii kutaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Bifuma walfakkaatuun sagantichi kutaalee magaalaa Kolfee Qaraaniyoofi Lammii Kuraattis gaggeeffameera.

Kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti saganticha kan eegalchiisan Hogganaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Finfinnee Obbo Alamaayyoo Ijjiguun, Dhaloonni Ida’amuu qoqqoodiinsarra tokkummaa, jibbarra jaalala irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.

Ijaarsi giddugalichaa saffisaan xumuramuun kaayyoo barbaadameef akka ooluuf gaheen jiraattotaa olaanaa ta’uu kaasaniiru

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment